Fana: At a Speed of Life!

Naannawaa Paarkii Inxooxxootti yakka saamichaa namoonni raawwachaa turan hidhaan adabaman

Finfinnee, Onkololeessa 20, 2016 (FBC)- Magaalaa Finifnnee Kutaa Magaalaa Guullallee Naannawaa Paarkii Inxooxxootti namoota yakka saamichaa raawwachaa turan lama irratti murteen darbu Buufanni Poolisii Naannawaa Shiroomeedaa beeksise.

Buufatichatti Itti Gaafatamaa Qindeessaa Qorannoo Yakkaa Inispeektaraa Itti Aanaan Fiqiruu Maammoo akka ibsanitti, Shakkamaan Yoonaas Daanyee, waahilaa isaa kan yeroof hinto’atamne waliin ta’uun bara 2015 guyyoota garaagaraatti namoota naannawaa Paarkii Inxooxxoo socho’an irratti humnaan saamichaa raawwachuun maallaqa dabalatee qabeenyaa garaagaraa saamaa turaniiru.

Haaluma kanaan mana Murtii Sadarkaa Jalqabaa Federaalaa Dhaddachaa Ramaddii Guullallee himatamtoonni irra deddeebiin beellamaaf dhiyaachuu waan hindandeenyeef, bakka isaan hinjirretti tokkoon tokkoo isaanii hidhaa cimaa waggaa 16 fi baatii 6’n akka adabaman murtee kenneera.

Yakkamtoota Mana Amala Sirreessaaf dhiyeessuuf poolisiin tattaaffii taasiseen Yoonaas Daanyaachoo to’annoo jalaa kan oolfame yoo ta’u, waahila isaa to’annoo jala oolchuuf hordoffiin taasifamaa jiraachuun ibsameera.

Nageenya namoota bashannanaaf Paarkii Inxooxxoo dhufan mirkaneessuuf xiyyeeffannaan hojiilee hojjetamaniin, yakkoota darbanii darbanii raawwataaman dhaabuun akka danda’ames ibsameera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.