Fana: At a Speed of Life!

Naannichatti weerara Busaa Ittisuuf Agoobarri miiliyoonni 1.2 ol raabsame

Finfinnee, Hagayya 14, 2015 (FBC) – Naannoo Ummattoota Kibba Lixa Ityoophiyaatti weerara dhibee Busaa Ittisuuf Agoobarri miiliyoonni 1.2 ol raabsamuu Inistiityuutiin Fayyaa Hawaasaa naannichaa beeksise.

Weerarri dhibichaa aanaalee 42 keessatti mul’achuu daayrektaarri olaanaan Inistiityuutichaa Obbo Taammiraat Boggaalaan ibsaniiru.

Namoonni kumni 420 ol dhibichaan qabamuu fi miiliyoonni 2.7 saaxilamoo ta’uu Obbo Taammiraat dubbataniiru.

Bara baajataa xumurame weeraricha ittisuuf aanaalee 30 keessatti Agoobarri miiliyonni 1.236 raabsamuu eeraniiru.

Manneen kuma 128 olirratti keemikaalli farra dhibee Busaa biifamuu eeraniiru.

Feevan Bishawutu gabaase.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.