Fana: At a Speed of Life!

Naannon Beenishaanguul Guumz jiraattonni naannichaa gorsa ogeeyyii fayyaa akka hordofan waamicha dhiyeesse

Finfinnee, Bitootessa 21, 2012 (FBC) – Mootummaan naannoo Beenishaanguul Guumz jiraattonni naannichaa gorsa ogeeyyii fayyaa akka hordofan waamicha dhiyeesse.
 
Of dagannaan muul’atu yaaddessaa ta’uu preezdaantiin naannichaa obbo Ashaadlii Hasan ibsaniiru.
 
Obbo Ashaadliin ittisaa fi tamsa’ina vaayrasii koroonaarratti hoggansa nananichaa waliin mari’ataniiru.
 
Naannichatti manneen dhiichisaa fi iddoowwan namoonni itti heddummaatan akka cumafam murtaa’un ibsameera.
 
Geejiba ummataarratti heddumminni muul’atu akka dhaabbatu ajajamus, dhibaa’ummaan muul’atu tarkaanfii dabalataa kan barbaadu ta’uu preezdaantichi ibsaniiru.
 
Naannichatti baajaajonni miila 3 nama tokko qofa fe’anii akka socho’an murtaa’era.
 
Geejibni ummataa dandeettii fe’umsa isaanitirraa walakkaadhan hir’isanii fe’uun tajaajila akka laatan kallattiin kaa’ameera.
 
Haawwan ulfi, haadholiin hoosisan, hojjettoonni sooromatti dhiyaatan boqannaa akka ba’an murtaa’era.
 
Manneen dhiichisaa, manneen poolii fi bashannanaa namni itti heddummaatu akka cumafan murtaa’era.
 
Geejibni ummataa magaalaa Asoosadhaa gara magaalota Oromiyaa, Asoosadhaa gara magaalota naannoo Amaaraatti taasifamu akka adda citu murtaa’era.
 
Konkolaattonni fe’umsaa nyaataa fi meeshaalee barbaachisoo dhiyeessan tajaajila akka laatan, baqattoonni buufataalee isaanitii akka hin sochoones murtaa’era.
 
Naannichatti dhaabbilee daldalaa seeraan ala daballii gatii taasisan 271 irrattis tarkaanfiin fudhatameera.
 
Hoggansi mootummaa naannichaa olaanaan mindaa isaanii baatii tokko deeggarsaan laataniiru.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.