Fana: At a Speed of Life!

Naannon Kibbaa sochiin geejiba ummataa akka adda citu murteesse

Finfinnee, Bitootessa 21, 2012 (FBC) – Mootummaan naannoo Kibbaa sochiin geejiba ummataa akka adda citu murteesse.

Murtichi kan darbe weerara vaayrasii koroonaa ittisuufi.

Gareen ittisaa fi to’annoo weerara vaayrasii koroonaa naannichaa akka beeksisetti murtichi har’a Bitootessa 21,2012 sa’aa 6 eegaleet hojiirra oola.

Geejibni ummataa magaalaa Finfinnee dabalatee naannolee addaddaarraa gara naannoo Kibbaa seenu kamuu ummata geejibsiise buusurraa yeroo murtaa’aaf dhoorkameera.

Geejibni ummataa jabaan qaxxaamura biyyaa, jiddugaleessaa fi xixiqqaan gara naannichaa bobbaafamuun dhoorkameera.

Yaata’uutii ummata geejibsiisan naannichatti osoo hin buusin, naannicha qaxxaamuruun darbuu ni danda’u.

Mootarsaaykiliin tajaajila dhuunfaa fi mootummaatin ala sochii dhoorkameera.

Barattoota yuunvarsiitii gara maatii isaanii deebi’aniif sochiin geejiba addaa ni mijaa’as jedhameera.

Taaksiin magaalaa keessaa namoota 12 fe’uu danda’u, 11 qofa akka fe’u murtaa’era.

Baajaajonni miila 3, nama 2 qofa fe’anii akka imalan, konkolaattonni namoota 8 fe’uu danda’an 5 qofa akka fe’anii tajaajila laatan murtaa’era.

Caasaan nageenyaas murticha akka raawwachiisu dirqamni kennameefira.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.