Fana: At a Speed of Life!

Naannon Oromiyaa hojii Inshuraansii fayyaa hawaasatiin raawwii olaanaa galmesseen beekkamtii argate

Finfinnee, Onkololeessa 15, 2014 (FBC) – Naannon Oromiyaa hojii Inshuraansii fayyaa hawaasatiin raawwii olaanaa galmessuu isaan beekkamtii argachuu ibsame.

Tajaajila fayyaa haqa qabeessa ta’e hawaasa hunda biraan ga’uuf ga’een Inshuraansii fayyaa hawaasaa ol’aanadha.

Naannoo Oromiyaatti bara 2013 keessatti hojii hojjatameen hawaasni miiliyoonni 21 ol  miseensa Inshuraansii fayyaa hawaasa (IFH) akka ta’an taasisuun danda’amuu ibsameera.

Biiroon Fayyaa Oromiyaa hojii fakkeenyummaa gama IFH’ tiin bara 2013 keessatti hojjachaa turee fi bu’aa galmeessen Ministirri Ministeera fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaa harka badhaasaa fi beekkamtii fudhateera.

Badhaasni kenname bu’aa gama hojii IFH’tiin bara 2013 keessa  argameef beekkamtii kennuu fi hojii bara 2014tti raawwatamuu qabuuf immoo kaka’umsa kan uumu ta’uu Itti aanaan hogganaa Biiroo Fayyaa Oromiyaa obbo Abarraa Botoree ibsaniiru.

Bu’aan argame boqonnaa malee hojii hojjatameen  ta’uu hogganaan Biiroo Fayyaa Oromiyaa Dooktar Mangistuu Baqaalaa ibsaniiru.

Dooktar Mangistuun qooda fudhattoota hojii kana milkeessan galateeffachuun fuula durattis hojii kanaa olii hojjachuun kan irraa eegamu ta’uu ibsuu isaanii ragaan Biiroo Dhimmoota Kominikeeshinii Mootummaa Naannoon Oromiyaarraa argame ni muul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.