Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Gaambeellaatti qaamolee tokkummaa diiguuf hojjetan saaxiluun hawaasni tumsa taasisu akka cimsu gaafatame

Finfinnee, Bitootessa 20, 2016 (FBC)- Naannoo Gaambeellaatti humnootii fiinxaaleyyii tokkummaa ummataa diiguuf hojjetan saaxiluu keessatti hawaasni tumsa taasisu akka cimsu Koomishiniin Poolisii Federaalaa waamicha dhiyeesse.

Itti Gaafatamaa Damee Ittisa Yakkaa Komishinichaa Komishinara Ittaanaa Malaakuu Faantaan, haala nageenyaa Naannoo Gaambeellaarratti Pireezidaantii Naannichaa Obbo Umod Ujuluu waliin mari’ataniiru.

Marii isaaniin wabiin nagaan jiraachuu lammiilee fi olaantummaan seeraa mariif kan hindhiyaanne ta’uu eeruun, kunis itti gaafatama mootummaa ta’uu Komishinar Malaakuu Faantaan ibsaniiru.

Boora’uu nageenyaa naannichatti mul’atu tasgabbeessuu fi wabii lammiilee mirkaneessuuf qaamoleen nageenyaa hojiilee garaagaraa hojjechaa jiraachuu eeraniiru.

Rakkoolee sochii lammiilee gufachisaaniif hatattamaan furmaata kennuun akka barbaachisu hubachiisuu ragaan kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.

Naannichi nagaa akka hinqabaanne, lubbuun namootaa akka ba’u, qabeenyi akka manca’uu fi sochiin lammiilee akka daanga’u qaamolee taasisanirratti tarkaanfiin seeraa hatattamaan fudhatamuu qaba jedhaniiru.

Pireezidaantiin Naannichaa Obbo Umod Ujuluun gama isaaniin, mootummaan olaantummaa seeraa kabachiisuu fi nageenya lammiilee eegsisuuf yeroo kamuu caalaa kutannoo qabaachuu himaniiru.

Sochii seeraan alaarratti qaamoleen hirmaatanis gochaa isaaniirraa akka of qusatanii fi mootummaan olaantummaa seeraa kabachiisuuf duubatti akka hinjenne akeekaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.