Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Harariitti Oomishni qamaadii Jallisii abdachiisaadha – Pireesidaanti Ordiin Badrii

Finfinnee, Amajjii 25, (FBC) – Naannoo Harariitti oomishni Qamaadii Jallisii bonee abdachiisaa ta’uu Pireezidaantiin naannichaa Obbo Ordiin Badriin ibsan.
Naannichatti oomishni Qamaadii yeroo jalqabaaf eegalamuu eerameera.
Qonnaan bultoonni oomishaalee duraan oomishaa turan cinaatti Qamadii Jallisii bonaan oomishuun galii isaanii fooyyessuu Obbo Ordiin Badriin toora miidiyaa hawaasumaa isaaniin ibsaniiru.
Mootummaan naannichaa baadiyyaa keessatti hojiiwwan misoomaa fi tajaajila hawaasaa babal’isuun jireenya qonnan bultoota foyyeessuuf deeggarsaa kan taasisu ta’uu ibsaniiru.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.