Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Kibbaatti sirreeffamtoota kuma 12f dhiifamni godhame

Finfinnee, Bitootessa 28, 2012 (FBC) – Naannoo Kibbaatti sirreeffamtoota seeraa kuma 12f dhiifamni godhamuu Abbaan Alangaa Waliigalaa naannichaa beeksise.
 
Abbaan Alangaa Waliigalaa naannichaa Obbo Muuluusaw Ballaaxa ibsa laataniin, bu’ura murtee Mana Maree Bulchiinsa naannichaan sirreeffamtoonni manneen sirreessaa garaagaaraatti argaman kumni 12 fi 553 dhiifamaan akka gadi dhiifaman ta’eera jedhan.
 
Sirreeffamtoonnii haala idilee fi ulagaalee taa’een jijjiirrama amalaa muul’isan dhiirri kumni 3 fi 519, dubartoonni 119, akkasumasa kanneen murteen hidhaa hir’ateef 4 dhiifama godhameerraa fayyadamoo ta’uu isaanii Abbaan Alangichaa ibsaniiru.
 
Mootummaan naannichaa miidhaa sababa weerara vaayrasii koroonaan ga’u hir’isuuf jecha haala addaan sirreeffamtoota dhiiraa kuma 8 fi 601, dubartoota 310f walii gala namoota kuma 8 fi 911 dhiifamaan gadi dhiisuu isaa obbo Muuluusaw ibsaniiru.
 
Sirreeffamtoonni kunneen dubartoota ulfaa, daa’ima qaban, dhukkuba addaa qaban, umriin isaanii olaanoo ta’ee fi umriin isaanii waggaa 18 gadi ta’anii jedhan.
Sirreeffamtoonni kunneen yeroo gara hawaasatti makaman amala gaarii agarsiisuu akka qaban kan ibsan abbaan Alangichaa, dabalataan yakka keessaatti hirmaatanii argaman dhiifamni isaanii haqamuun seeraan kan gaafataman ta’uu Biiroon Dhimmoota Koominiikeeshiinii Mootummaa naannichaa ibseera.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.