Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Kibbaattii konkaalachiftoonni seera darban kuma 7 adabaman

Finfinnee, Caamsaa 18, 2012 (FBC) –– Naannoo Kibbaattii vaayrasii koroonaaan walqabatee dhorkiiwwan bahan kan darban konkolaachiiftoonni kuma 7 adabamuu Itti Aanaan Preezdaantii naannoo Kibbaa obbo Ristuu Yirdaw ibsan.

 

Qaamolee ummatarratti sodaa uuman mootummaan tarkaanfii barbaachisu akka fudhatu ibsaniiru.

 

Obbo Ristuun ibsa isaaniin weerara vaayrasii koroonaa waliin walqabatee konkolaachiftoonni labsii fi dhorkiiwwan bahan darbanii argaman akka adabaman ta’eera.

 

Namoonni adabaman kunneen haguuggii fuulaa godhachuu dhiisu, lakkoofsa namoota eeyyamameen ala fe’uu fi taarifaan ol kaffalchiisuu isaaniin akka adabaman himaniiru.

 

“Ummata tajaajiluun gatiinsaa maallaqaa ol” kan jedhan obbo Ristuun hojiin seera kabachiisun  imaltoota qofaa otuu hin taane jireenya konkolaachisaa fi gargaaraa konkolaachisaa baraarudha jedhan.

 

 

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.