Fana: At a Speed of Life!

Naannoon Gaambeellaa fi bulchiinsi Appar Naayil dhimmoota naannoo daangarratti tumsaan hojjechuuf walii galan

Finfinnee, Caamsaa 1, 2013 (FBC) – Naannoon Gaambeellaa fi Sudaan Kibbaatti bulchiinsi Appar Naayil dhimmoota naannoo daangarratti tumsaan hojjechuuf walii galaniiru.

Dhimmoota nageenyaa fi tasgabbii daangarratti tumsaan hojjechuuf walii galaniiru.

Hoggantoonni bulchiinsa naannoo lamaanii dhimmoota waloorraatti tumsaan hojjechuuf magaalaa Gaambeellaatti waliin mari’ataniiru.

Preezdaantiin naannoo Gaambeellaa obbo Umood Ujuuluu fi itti aanaa bulchaan bulchiinsa Appar Naayil miister Jaamsi Toor marii booda ibsa gaazexeessummaa laataniiru.

Hariiroo ummattoota naannoo lamanii daraan cimsuuf dhimmoota hawaasummaa fi diinagdeerratti xiyyeeffachuun kan hojjetan ta’uu Preezdaantiin naannoo Gaambeellaa obbo Umood Ujuuluun ibsaniiru.

Keessattuu naannoo daangaatti dhimmoota nageenyaa, fayyaa fi hawaasummarratti tumsaan hojjechuuf marii dandeessisu taasiisuu himaniiru.

Daddabarsa meeshaalee waraanaa seeraan alaa, sosochii kontiroobaandii fi yakkoota naannoo daangaatti raawwataman ittisuuf qindoominaan hojjechuuf walii galuu dubbataniiru.

Itti aanaa bulchaan bulchiinsa Appar Naayil miister Jaamsi Toor gama isaaniin Ityoophiyaan biyya 2ffaa ummata naannichaa ta’uu dubbataniiru.

Deeggarsi ummannii fi mootummaan Ityoophiyaa ummataa fi mootummaa Sudaan Kibbaaf taasiisan yoomiiyyuu kan dagatamuumiti jedhan.

Hariiroo ummatta ollaa biyyoota lamaanii caalmaatti cimsuuf tumsaan hojjechuuf walii galuu isaanii himaniiru.

Maddi:-TOI

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;https://www.facebook.com/fanabroadcasting

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.