Fana: At a Speed of Life!

namoonni labsii yeroo ariifachisaa darban 36 to’ataman

Finfinnee, Caamsaa 13, 2012 (FBC) – Finfinnee kutaa magaalaa Qirqoositti namoonni labsii yeroo ariifachisaarra darban 36 tokkon tokkoon isaanii Birrii kuma 20 fi hidhaan adabamuu Koomiishiniin Poolisii Finfinnee beeksise.

Nammooni kunneen iddoo garaagaraatti walitti qabamuun jimaa osoo qama’aanii to’anno jala oluun hidhaa fi Birrii kuma 20 akka adabaman taasifamuu itti aanaa qajeelcha poolisii kutaa magaalaa Qirqoosi Inispeektar Silaashii Shanquxee ibsaniiru.

Labsiin yeroo arifaachisaa kan labsameef weerara vaayrasii koroonaarraa lubbuu lammiilee baraaruu fi tamsa’inasaa to’achuuf ta’uu himuun, namni kamiyyuu ofii isaa fi namoota biraaf yaaduun qajeelfamni kennamu hojiirra oolu qaba jedhaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.