Fana: At a Speed of Life!

Niijeeritti balaa lolaa qaqqabeen lubbuun namoota 51 darbe

Finfinnee, Hagayya 26, 2012 (FBC) – Niijeeritti balaa lolaa qaaqqabeen lubbuun namoota 51 darbuu himame.
 
Baatii kana keessaa balaa lolaa irra deddeebiin uumameen lubbuun namoota 51 yoo darbu, jiraattoonni hedduun qa’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’uu himame.
 
Manneen jireenyaa fi oomishaaleen hedduun barbadaa’aniiru.
 
Hagayya 26, 2020 Rooba cimaa itti fufiinsaan Roobeen lubbuun namoota 51 darbuu fi manneen jireenyaa kumni 26 barbadaa’uu Ministeerri Deeggarsa Namoomaa biyyattii keeksiseera.
 
Namoonni 37 lolaan yoo fudhataman, namoonni 14 ammoo dhidhimuun du’aniiru jedhame.
 
Niijeeritti namoonni kumni dhibbi 2 fi kumni 81 deeggarsa namootaa hatattamaa kan barbaadan ta’uu himameera.
 
Biyyatttiitti jalqaba bara Faranjootaa 2020 irraa eegala namoonni miiliyoonni 2.9 sababa rakkoo nageenyaa, lolaa, dhibee fi gogiinsaan deeggarsa namootaa kan barbaadaan ta’uu Dhabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Eejansiin Deeggarsa Daa’immanii beeksiseera.
 
Maddi:- CGTN
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.