Fana: At a Speed of Life!

Obbo Dammaqaan Ministira Ministeera Dhimma Alaa Deemaark waliin mari’atan

Finfinnee, Bitootessa 30, 2013 (FBC) – Itti aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Makonniin Ministira Ministeera Dhimma Alaa Deemaark Jeep Koofood waliin dhimmoota waqtaawaarratti mari’ataniiru.
Obbo Dammaqaan naannoo Tigraayitti deeggarsi namoomaa marsaa duraan lammiilee miiliyoona 4.5f dhiyaachuu ibsaniiru.
Deeggarsi marsaa 2ffaas eegalamuu himaniiru.
Deegarsi hanga ammaatti taasiifame keessaa % 70 mootummaan kan uwwifame ta’uu ibsaniiru.
Iddoo muraasan ala kutaalee naannichaa hedduutti deegarsi qaqqabuu himaniiru.
Sarbama mirga namoomaa naannichatti qaqqabe qulqulleessuuf Komishiniin Mirga namoomaa Ityoophiyaa fi Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Komishiniin Mirga Namoomaa waliin ta’uun qorannoo eegaluuf qophii taasiisaa jiraachuu ibsaniiru.
Poolisiin Federaalaa fi abbaan Alangaa waliigalas dhimicharratti qorannoo gaggeessaa jiraachuu hubachiisaniiru.
Loltoonni Eertiraa naannichaa akka ba’an mootummaa Eertiraa waliin waliigalamu eeraniiru.
Humni addaa naannoo Amaaraa fi Afaar naannoo isaanitti olaantummaa seeraa akka kabachiisaniif mootummaa Federaalaan kan ajejaman ta’uu dubbataniiru.
Filannoon biyyaalessaa marsaa 6ffaan Diimookraatawaa, bilisaa fi haqa qabeessa akka ta’uuf hojii cimaan hojjetamaa jiraachuus kaasaniiru.
Waldhabdee daangaa Ityoo – Sudaaniin walqabatee jiru ilaalchise ibsa laataniin, garaagartee jiru furuuf Sudaan hojmaata taa’e cabsuu fi seera idil addunyaa sarbuu ishee himaniiru.
Rakkicha karaa nagaan furuuf Ityoophiyaan qophii ta’uu ishee kaasuun, Sudaan mariif qophii akka taate hawaasni idil addunyaa dhiibbaa taasiisuu akka qabu waamicha dhiyeessaniiru.
Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Deemaark Jeep Koofood gama isaaniin ibsa laatameef galateeffataniiru.
Mootummaan Deenmaark deeggarsa namoomaa naannoo Tigraayitti taasiifamaa jiru kan tumsuu fi qorannoo mirga namoomaa ilaalchisee gaggeeffamaa jirus deeggaruuf qophii ta’uu himaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.