Fana: At a Speed of Life!

Obbo Dammaqaan Ministira Misoomaa Ingilizii fi Ittaanaa Ministira Dhimma Alaa Moozaambiik waliin mari’atan

Finfinnee, Fulbaana 13, 2015(FBC)- Ittaanaa Muummee Ministiraa Fi Ministirri Dhimma Alaa Obbo Dammaqa Mokonnin, Ministiraa Misoomaa Ingilizii Viikii Fordii fi Ittaanaa Ministiraa Dhimma Alaa Moozaambiik Maanuweel Gonchalsi waliin mari’ataniiru.

Marii isaaniin, dhimmoo naannawaa fi hariiroo gama lamee caalmaan haala cimsuun danda’amurratti mari’atan.

Obbo Dammaqaan marii Ministiraa Misoomaa Ingiliiz waliin taasisaniin, deeggarsa namoomaa lammiilee hongee fi walitti bu’iinsaan buqqa’anii haala saffisiisuun dand’amurratti mari’achuu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

Marii Ittaanaa Ministira Dhimma Alaa Moozaambiik waliin taasisaniinis, Ityoophiyaan Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti miseensa jijjiiramaa taatee gahee ishee akka bahattuuf ni eegdi jedhaniiru.

Maanuweel Gonchalsi gama isaaniin, filannoo gaggeeffameef deeggarsa Ityoophiyaan taasisfteef galateeffatanii, bu’uura “Rakkoolee Afrikaaf furmaata Afriikaan” jedhuun dhimmoota Afrikaa deeggaruuf waadaa seenaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.