Fana: At a Speed of Life!

Obbo Gadduun gita isaanii Xaaliyaanii waliin mari’atan

Finfinnee, Gurraandhala 18, 2012 (FBC) – Ministirri Dhimma Alaa FDRI obbo Gadduu Aandaargaachaw gita isaanii Xaaliyaanii Luuwiijii Diimaayoo waliin mari’ataniiru.
 
Ministiroonni lamaan dhimmoota waloo, naannoo fi idila addunyaarratti mari’ataniiru.
 
Hariiroo waloo siyyaasaa, diinagdee fi dameewwan hawaasummaa biyyoota lamaaniirratti mari’achuu isaanii ragaan Xaaliyaanitti Imbaasii Ityoophiyaarraa argame ni mul’isa.
 
Hariiroo biyyoota lamaanii guddisuu, misooma walitti hidhamiinsaa, Invastimantii fi Turiziimiirratti haala waliin hojjechuun danda’amurratti yaada wal jijjiiraniiru jedhame.
Dabalataan dhimmoota Gaanfa Afrikaa fi idila addunyaarratti walitti hidhamiinsaan hojjechuuf marii taasisaniiru.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.