Fana: At a Speed of Life!

Obbo Gadduun gitasaanii Kooriyaa Kibbaa waliin bilbilaan mari’atan

Finfinnee, Waxabajjii 5, 2012 (FBC) – Ministirri Dhimma Alaa FDRI obbo Gadduu Aandaargaachaw gitasaanii Kooriyaa Kibbaa Kaang Yuung Wuuhaa waliin bilbilaan mari’atan.
 
Hariiroo biyyoota isaanii cimsuu, weerara vaayrasii koroonaa tumsaan ittisuu, Ityoophiyaatti sochii invastaroota Kooriyaa Kibbaarratti mari’ataniiru.
 
Obbo Gadduun hariiroon biyyoota lamaanii hidhata seenaa kan qabu ta’uu ibsuun, ammas daran gama hundaan jabaachuu akka qabu gaafatan.
 
Kaang Yuung Wuuhaa gama isaanitiin, gootonni Ityoophiyaa wareegamni Kooriyaa Kibbaatif kaffalan barootaf yaadatamaa kan turu ta’uu ibsuun, biyyi isaanii weerara vaayrasii koroonaa ittisuunis yaata’u gama diinagdeetin Ityoophiyaa waliin hojjechuu akka barbaaddu ibsaniiru.
 
Sooreyyiin biyyattii qabeenya isaanii Ityoophiyaatti invast akka godhan mootummaan ni jajjabeessa jedhan.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.