Fana: At a Speed of Life!

Obbo Gadduun hoggantoota dhaabbilee idil addunyaa garaagaraa waliin mari’atan

Finfinnee, Gurraandhala 20, 2012 (FBC) – Ministirri Ministeera Dhimma Alaa FDRI obbo Gadduu Aandaargaachaw daawwannaa Xaaliyaanitti taasisaa jiran cinaatti hoggantoota dhaabbilee idil addunyaa teessoo isaanii Room godhatan garaagaraa waliin mari’ataniiru.

Obbo Gadduun daayreektar jeneraala Dhaabbata Nyaataa fi Qonna Addunyaa, hoji raawwachiisaa Sagantaa Nyaata Addunyaa fi preezdaantii Fandii Misooma Qonnaa Addunyaa waliin mari’ataniiru.

Marii isaanitiin haala proojaktoota misoomaa Ityoophiyaa itti fufiinsaan deeggaruun danda’amaurratti marii taasisaniiru.

Akkasumas hariiroo hunda galeessa biyyattii waliin qaban haala cimsuun danda’amurrattis mari’ataniiru jedhameera.

Sagantaan Nyaata Addunyaa deeggarsa namoomaa taasisuu fi hoomaa awwaannisaa ittisuuf Dhaabbanni Nyaataa fi Qonna Addunyaa tumsa taasisu cimsuurratti mari’ataniiru.

Hoggantoonni dhaabbilee kanneeniis jijjiirrama Ityoophiyaa keessatti mul’ataa jiru dinqisiifachuun, hariiroo biyyattii waliin qaban cimsanii kan itti fufsiisan ta’uu ibsaniiru.

Obbo Gadduun deeggarsa dhaabbiileen kunneen taasisan galateeffachuun yeroo itti aanu hojiin hordoffii kan taasiifamu ta’uu ibsuu isaanii ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.