Fana: At a Speed of Life!

Obbo Iristuun ergaa baga geessanii Ayyaana Iid Al Adihaa Arafaa dabarsan

Finfinnee, Adooleessa 12, 2013 (FBC) –Itti aanaan Preezdaantiin naannoo Kibbaa obbo obbo Iristuu Yirdaaw Ayyaana Iid Al Adihaa Arafaa waggaa 1442ffaa sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarsaniiru.
Hawaasni musiiliimaa ayyaana kana wayita kabaju wal gargaaruu fi tokkummaan kabajuu akka qabu dhaamaniiru.
Ayyaannoota tokkumma fi jaalalaan kabajaman keessaa Ayyaanni Iid Al Adihaa Arafaan isa tokko ta’uu himaniiru.
Ayyaanni Arafaa faayidaa amantaatiin ala hawaasa gidduutti duudhaa walgargaarsaa fi wal kabajuu caalmatti kan babal’isu ta’uu ibsaniiru.
Rakkoo keessaa fi alaa yeroo ammaa Ityoophiyaa muudate qolachuun kan danda’amu tokkummaan cimsuun qofa ta’uu dubbataniiru.
Walgargaaruu fi walkabajuun dhiibbaa keessaa fi alaa dhandamachuun gara imala badhaadhinaatti yaa ceenu jechuun dhaamuu isaanii ragaan Biiroo Dhimmoota Kominikeeshinii mootummaa naannoo Kibbaarraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.