Fana: At a Speed of Life!

Obbo Lidatuu Ayyaaleew himannaa sanada heera mootummaa diiguun mootummaa cee’umsaa hundeessuuf qopheessan irratti dhiyaaterratti mormii sadarkaa jalqabaa dhiyeessan

Finfinnee, Onkololeessaa 13, 2013 (FBC) – Obbo Lidatuu Ayyaaleew himannaa sanada heera mootummaa diiguun mootummaa cee’umsaa hundeessuuf qopheessan irratti dhiyaaterratti mormii sadarkaa jalqabaa dhiyeessan.

Himatichi mana murtii waliigalaa Oromiyaa dhaddacha yakkaa ramaddii Bahaatti guyyaa har’aa dhiyaateera.

Himaticharratti obbo Lidatuu Ayyaaleewuu fi abukattoo isaanii 4 mormii dhiyeessaniiru.

Mormii isaaniin himatichi fudhatama kan hin qabnee fi heera mootummaa kan cabsee fi mirga dubbachuu fi barreessuu waliin walitti kan bu’u ta’uu eeraniiru.

Obbo lidatuun sanadichi qabsoo nagayaa biyyaaf akkasumaas mootummaa amma jiruuf fayyadamummaaf kan dhiyaatedha malee, humnaan aangoorraa buusuuf yaadamee kan qophaa’e miti jedhaniiru.

Kanaanis himatamuun kiyya fudhatama hin qabu jedhaniiru. Sanadichi sadarkaa yaadaati malee mootummaa irratti miidhaa qaqqabsiise hin jiru jedhaniiru.

Abukaatoon isaanii OMNiin dhiyaateera jedhamee akka ragaatti qabamuun isaa fudhatama hin qabu jedhaniiru.

Abbaan Alangaa gama isaan kan himataman heera yakkaa 256 darbuun raga ta’uus akka barbaachisummaa isaatti himaticha waliin akka walitti dhiyaatu eeruun sanada mootummaa ce’uumsaa humnaan angoorraa buusuu yaadamee kan qophaa’e ta’uu mormicharratti deebii laataniiru.

mormii sadarkaa jalqabaa erga dhiyaatee booddee abukaattonni isaanii gaaffii mirga wabii dhiyeessaniiru.

Obbo Lidatuun wal’aansa onneen walqabatee beellama yaalaatti yaala argachuu dhabuu isaniin jireenyi isaanii balaarra jiraachuu eeruun kanaafis ragaa hakimaa barreeffamaan dhiyeessaniiru.

Kanumaan walqabatee mirga wabiin ba’anii yaalaa isaanii taasisanii akka deebi’an iyyataniiru.

Abbaan alangaas mirga wabii isaanii mormuun ba’anii deebi’uu dhiisu malu jechuun sodaa qaban ibsaniiru.

Manni murtii mirga wabii irratti ajaja laachuu fi ajaja waliigalaa laachuuf onkololeessa 20,2013tti beellama laatera.

Taariik Addunyaatu gabaase.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.