Fana: At a Speed of Life!

Obbo Shimallis Abbootii qabeenyaa fi miseensota boordii arjoomtota piroojektii ”End Fund” waliin mari’atan

Finfinnee, Caamsaa 16, 2015 (FBC)- Pireezidaantiin naannoo Oromiyaa Obbo Shimallisa Abdiisaan abbootii qabeenyaa fi miseensota boordii arjoomtota piroojektii ”End Fund” dhibeewwan dagatamoo (Neglected tropical disease) dhabamsiisuuf deeggarsa taasisaa turan waliin dhimmoota misooma fayyaa irratti mari’ataniiru.

Obbo Shimallis gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin akka beeksisanitti, jilichaaf misooma waliigala fi dhimmoota fayyaan walqabatan ilaalchisee hojiilee hojjetamaa jiranii irratti ibsa kennaniiru.

Fuuldurattis akkaataa qindoominaan waliin hojjechuu danda’amurratti mari’achuu ibsan.

Jilichis hojiilee gama misooma fayyaatiin hojjetamaa jiran dinqisiifatanii, deeggarsa piroojektichaa dabaluuf waadaa galuu himan.

Kaka’umsa fi deeggarsa isaaniifis Obbo Shimallis galateeffataniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.