Fana: At a Speed of Life!

“Ogummaan barsiisummaa sanyii, gosaa fi loogiirraa bilisa kan ta’e ogummaa iddoo olaanaatti argamudha”- Dr.Geetaahun Makuriyaa

Finfinnee, Onkololeessa 20, 2013 (FBC) – “Ogummaan barsiisummaa sanyii, gosaa fi loogiirraa bilisa kan ta’e ogummaa iddoo olaanaatti argamudha” Ministira Barnootaa Dooktar Injiinar Geetaahun Makuriyaa.

Barsiisonni gaga’ama iddotti deebisuufis ta’e yeroon dhufu akka tolu gahee olaanaa qabu mata duree jedhuun Ministeerri Barnootaa fi Yunvarsiitiin Baahirdaar qindoominaan qopheessan Guyyaan barsiisotaa waggaa Magaalaa Baahirdaarii qophaa’eera.

Sirna kanarratti waraqaan qorannoo dhiibbaa Covid-19 fi gahee barsiisotaa walqabatan dhiyaatee irratti mari’atameera.

Ministirri Barnootaa Dooktar Injiinara Geetaahun Makuriyaa rakkoolee amma biyyattii mudatan furuuf dhaloota heddumina, tokkummaa fi waliin jireenyaa keessummeessan horachuuf ni hojjetama jedhan.

Ogummaan barsiisummaa sanyii, gosaa fi loogiirraa bilisa kan ta’e ogummaa iddoo olaanaatti argamudha kan jedhan, Dooktar Injiinar Geetaahun, kana milkeessuuf ammoo barsiisonni itti gaafatamummaa qabduu jedhan.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.