Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaa godinaalee 7’tti bakka bu’oota Marii Biyyaalessaarratti hirmaatan filuun eegalame

Finfinnee, Bitootessa 16, 2016 (FBC)- Oromiyaa godinaalee 7tti bakka bu’oota marii biyyaalessaarratti hirmaatan filuun eegalamuu komishiniin Marrii biyyaalessaa beeksise.

Bu’uuruma kanaan, kutaalee hawaasaa Godinalee Jimmaa, Buunnoo Beddellee, Iluu Abbaa Boor, Wallaggaa Bahaa, Qellem Wallaggaa, Horroo Guduruu Wallaggaarraa marii biyyaalessarratti hirmaatan hojii adda baasuu gaggeessaa jiraachuu Komishinarri Komishinichaa Malaakuu Waldamaariyaam dubbatan.

Hirmaachisummaa qaamolee maricharratti hirmaatanirrattis xiyyeeffannaan hojjetamaa jiraachuu kaasaniiru.

Warqaafarraa Yaalawutu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.