Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti bara 2014tti oomisha kuntaala miiliyoona dhibba 1fi miiliyoona 98 ol walitti qabuuf karoorfame-Biiricha

Finfinnee, Eebila 17, 2013 (FBC)- Naannoo Oromiyaatti bara 2014tti oomisha kuntaala miiliyoona dhibba 1fi miiliyoona 98 ol walitti qabuuf karoorsuu Biiroo Qonnaa fi Qabeenya Uumamaa Oromiyaa beeksisee.

Hoogganaan biiricha  obbo Dhaabaa Dabaleen sochii oomishaa bara 2013 fi karoora yeroo itti aanuu ilaalchisuun ibsa laataniiru.

Ibsichaan naannichatti oomisha bara 2014 karoorri qabame lafa heektaara miiliyoona 6.3 keessaa lafa heektaara miiliyoona 3.4 kilaasteeraan uuwwisuuf karoorfamuu himaniiru.

Kanaafis sanyii filamataan kuntaalli kumni dhibbi 9 fi kumni 66 fi Xaa’oon kuntaalli miiliyoonni 8.2 qophaa’uus ibsaniiru.

Tiraaktaroonni kumni 2 fi kombaayinaroonni 270 ol qonnaan bultootaaf akka dhiyaatu ni taasifamaa jedhaniiru.

Jallisi fayyadamuun hojiin oomisha qamadii bara dhufuus cimee akka itti fufuu himaniiru.

Bara kanaas lafa heektara miiliyoona 6.3 irraa oomishni kuntaalli miiliyoonni dhibbi 1 fi miiliyoonni 83 walitti qabamuu kan ibsan obbo Dhaabaan, oomisha kuduraa fi muduraa ilaalchise naannichi xiyyeeffannoon hojjeta akka turee fi yeroo itti aanuutti cimsee kan hojjetuu ta’uu eerraniiru.

Tizzitaa Dassaleenyitu gabaase

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;https://www.facebook.com/fanabroadcasting

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.