Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti muduraaleerraa Doolaara kuma 500 argamsiisuuf hojjetamaa jira jedhame

Finfinnee, Fulbaana 24, 2015 (FBC) – Naannoo Oromiyaatti baranaa Kuduraalee fi muduraalee gabaa biyya alaafa dhiyeessuun galii Doolaara kuma 500 argamsiisuuf hojjetamaa jiraachuu Biiroon qonnaa Oromiyaa beeksise.

Biiroo Qonnaa Oromiyaatti Itti Aanaa Hoogganaa fi Itti Gaafatamaan Damee Misooma Bunaa fi Muduraalee Obbo Mohaammadsaanii Amiin akka ibsanitti, barana muduraalee akka Avokaadoo, Muuzii fi Paappayyaa qulqullinaafi baay’inaan oomishuun gabaa biyya alaaf dhiyeessuun fayyadamummaa qonnaan bulaa dabaluu fi sharafa biyya alaa argamsiisuuf xiyyeeffannaan kennameera.

Haaluma kanaan muduraalee toonii 300 gabaa biyya alaaf dhiyeessuun Doolaara kuma 500 argamsiisuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira jedhan.

Bara baajataa 2014 Avokaadoo toonii 18 gabaa alaaf dhiyeessuun Doolaara kuma 100 argamsiisuun akka danda’ame yaadachiisan.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa Inisheetiivota fayyadamummaa uummataa mirkaneessan irrattii xiyyeffachuun hojjechaa jiraachuu ragaan Kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.