Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti namoonni dabalata 106 vaayrasii koroonaatin qabaman

Finfinnee, Onkololeessaa 14, 2013 (FBC) – Naannoo Oromiyaatti gabaasa qorannoo sa’aa 24 darbeetiin namoonni 106 vaayrasii koroonaan qabamuu ibsame.

Naannichaatti sa’aa 24 darbeetiin qorannoo laabraatoorii namoota 555 hojjetameen vaayrasichi namoota 106 irratti argamuu Biiroon Eeggumsa Fayyaa Oromiyaa beeksiseera.

Oromiyaatti hanga guyyaa kanaatti lakkoofsi namoota vaayrasii koroonaan qabamanii 15,426 ga’eera.

Lubbuun namoota 2 yoo darbu, waliigala Lubbuun namoota 133 darbeera.

Namoonni haaraan 94 vaayrasichaarra yoo dandamatan, hanga ammaatti namoonni 9658 dandamataniiru.

Namoonni 30 wallaansa cimaa keessatti argamu.

Yeroo ammaa vaayrasichi kan irra jiru namoota 5635 ta’uu biirichi ifoomseera.

Erga vaayrasichi gara Ityoophiyaa seenee hanga ammaatti naannoo Oromiyaatti qorannoon laabraatoorii namoota 209919 gaggeeffameera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

 

 

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.