Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti Namoonni Dabalataa 111 Vaayrasii Koroonaatin Qabaman

Finfinnee, Hagayya 2, 2012 (FBC) – Oromiyaatti gabaasa qorannoo sa’aa 24 darbeetiin namoonni dabalataa 111 vaayrasii koroonaatin qabamuu ibsameera.

 

Gabaasa sa’aa 24 naannoo Oromiyaatin qorannaa laabraatoorii 2139 hojjetameen namoota 111 irratti vaayrasiin koroonaa argamuu Biiroon Fayyaa Oromiyaa beeksise.

 

Hanga yoonaatti naannichatti qorannaan laabraatoorii 52,882 kan hojjetame yoo ta’u, yaalarra kan jiran namoota 1387.

 

Namoonni haaraan 26ammoo dhibichaarraa kan dandamatan yoo ta’u, waliigala namoonni 520 dandamataniiru.

 

Namni tokko wallaansa cimaa keessatti argama.

 

Walumaagalatti vaayrasichaan namoonni lubbuun isaanii darbe 25.

 

Naannichatti walumaa galatti namoonni 1932 vaayrasii koroonaatin qabamuu biirichi eerera.

 

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.