Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti Torbeen Dhibee Busaa magaalaa Baatuutii kabaajame

Finfinnee, Onkololeessa 24, 2015 (FBC) – Naannoo Oromiyaatti Torbeen Dhibee Busaa magaalaa Baatuutii kabaajameera.

Dhibeen Busaa namoota hedduu miidhaa turuu fi dhibicha ittisuuf hojiileen hubannoo uumuu hojjetamaa jiraachuu Itti aanaa Hogganaan Biiroo Fayyaa Oromiyaa Obbo Darajjee Abdannaa ibsaniiru.

Dhibicha ittisuuf bara darbe hojii bakka wal hormaata Bookee Busaa qulqulleessuu dabalatee Agoobarri miiliyoonni 5 ol Raabsamuu eeraniiru.

Iddooleen dhibichi itti heddummatutti hojiin Keemikaala Farra Bookee Busaa biifuu kan hojjetamu ta’uu kaasaniiru.

Kurmaana 1ffaa darbe namoonni kumni dhibbi 1 ol dhibichaan qabamuu dubbataniiru.

Lalisee Tasfaayeetu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.