Fana: At a Speed of Life!

Pireezidaanti Saahilawarq Zawdeen Qindeessituu Deeggarsa Namoomaa DhMG galateeffatan

Finfinnee, Caamsaa 19 ,2015 (FBC)- Pireezidaantiin FDRI Saahilawarq Zawdeen Qindeessituun Deeggarsa Namoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Dooktar Kaatiriin Sooziin hoggansa wayita rakkoon turetti argisiisaniif galateeffatan.

Pireezidaant Saahilawarq Zawdeen Qindeessituu Deeggarsa Namoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii yeroo turtii isaanii xumuran Dooktar Kaatriin Sooziif gaggeesaa taasisaniiru.

Ityoophiyaan wayita rakkoo keessa turtetti garee Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii qindeessuun gaggeessummaa argisiisaniif galateeffachuu eerameera.

Kana malees lammiilee biyya alaafi Ityoophiyaanota akkasumas miseensota dhaabbatichaa ergamni dhaabbatichaa haala kamiyyuu keessatti galmaan akka gahuuf hojjetan kan galateeffatan ta’uu ergaa gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin ibsaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.