Fana: At a Speed of Life!

Pirojektiin oomishaalee qonna fi kanneen biroo akka qabeenyaa kalaqa sammuutti eegsisuuf gargaaru ifoome

Finfinnee, Caamsaa 16, 2015 (FBC)- Qonnaa dabalatee Oomishaalee garaagaraa akka qabeenyaa kalaqa sammuutti eegsisuuf kan dandeessisu pirojektii hammattoo seeraa qopheessuuf gargaaru ifoomeera.

Waggoota sadiif pirojektiin hojiirra oolu kun baasii Eejensii Misoomaa Faransaayiin akka tumsamu ibsameera.

Ministirri Ministeera Inooveeshinii Fi Teekinooloojii Dooktar Ballaxaa Mollaan, Ityoophiyaan oomisha qonnaa beekamoo qabdu eegumsa qabeenya kalaqa sammuun eegsisuun faayidaa damee hedduu akka qabu ibsaniiru.

Hammattoo seeraa cinaattis oomisha Bunaa irratti xiyyeeffannaan kennamuu dinqisiifataniiru.

Dursaan Hoji Raawwachiisaa Beekumsaa Hawaasaa Abbaa Taayitaa Qabeenyaa Kalaqa Sammuu Ityoophiyaa Taaddasaa Warquun gama isaaniin, pirojektiin hammattoo seeraa kun Ityoophiyaa keessatti oomishaalee maqaa bakkaan ibsaman eegumsa qabeenyaa kalaqa sammuu kan taasisu ta’uu ibsaniiru.

Pirojektichi quubsuma Ityoophiyaa kan mul’isu, hammattoon seeraa fi hojmaataa akka diriiru kan taasisu ta’uu dubbataniiru.

Waan ta’eef labsii fi dambii qopheessuun eegumsa mallattoolee daldalaa taasisuuf adeemsaalee yaalamanitti dabalataan, oomishaalee qulqullina bakkaa calaqqisiisan akka qabeenya kalaqa sammuutti akka eegamaniif sirna dandeessisu uumuuf Pirojektichi faayida murteessaa akka qabu eeraniiru.

Hanqinaalee damechaan jiran addaa baasuun hojiilee ijaarsa dandeettii gaggeessuu fi oomishaalee waliin dhahuun miidhaa fayyadamtootarra ga’u ittisuufis akka gargaaru TOI gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.