Fana: At a Speed of Life!

Pirojektoota jallisii hojii hineegalle xumuruun xiyyeeffannoo bara 2015 ta’uun eerame

Finfinnee, Hagayya 8, 2014 (FBC) – Pirojektota jallisii hojii hineegalle xumuruun faayidaaf oolchuun xiyyeeffannoo bara 2015 ta’uu Ministeerri Jallisii fi Naannawaa Gammoojjii beeksise.

Ministeerichi gamaaggama raawwii bara 2014 fi karoora bara 2015 irratti qaamolee dhimmichi ilaallatu waliin mari’ateera.

Maricharratti Ministirri Ministeerichaa Injiinara Ayishaa Mahaammad, naannawaa gammoojjii hongeen miidhetti yeroo gababaa keessatti nyaata beeyladootaa yeroo gabaabaa keessatti ga’an misoomsuun dhiyeessuuf tattaaffiin taasifame jajjabeessaa ta’uu ibsaniiru.

Haaluma kanaan lafa hektaara kuma 1 ol irratti nyaata beeyladootaa misoomsuun lammiilee hongeen midhamaniif dhiyeessuun akka danda’amee ibsaniiru.

Kanaan walqabatee, naannawaa gammoojjii hongeen miidhetti deeggarsa hawaasaaf nyaata beeyladootaa fi bishaan Doolaara miiliyoona 19 olitti shallagamu dhiyeessuun akka danda’ame eeran.

Gama biraatiin, Injiinar Ayishaan harkifachuun ijaarsa pirojektoota misooma jallisiin sababa ijoo ta’uu kaasuun rakkoo bulchiinsa pirojektoota furuuf leenjiiwwan bal’inaan akka kennaman himaniiru.

Dabalataan pirojektoota jallisii gara hojiitti hinseeniin hafan xumuruun fayidaarraa oolchuun xiyyeeffannoo bara baajataa haaraa akka ta’uu ibsaniiru.

Daani’eel Amaareetu gabaase

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.