Fana: At a Speed of Life!

Piroojektiin Bishaan Roobaa Kuusuun lammiilee miiliyoona 4.8 fayyadamoo taasiisu gara hojiitti gale

Finfinnee, Bitootessa 18, 2016 (FBC) – Piroojektiin Bishaan Roobaa Kuusuun lammiilee miiliyoona 4.8 fayyadamoo taasiisu gara hojiitti galuu Ministeerri Bishaanii fi Inarjii beeksise.
Ministeerichi mata duree ‘Hidha koo Obboroo Kootti’ jedhuun naannawaa biyyattii hanqina Roobaa qaban Bidhaan Ujummoon dhiyeessuu cinaatti Bishaan Roobaa Kuusuun hawaasa fayyadamoo taasiisuuf hojjechaa jiraachuu Gorsaan Ministira Ministeera Bishaanii fi Inarji Dooktar Mikaa’eel Mahaariin eeraniiru.
Waggoottaan lamaan darban keessas Naannoo Oromiyaa, Amaaraa fi Kibbaa Itiyoophiyaa naannawaa hanqinni Roobaa mul’atu Manneen Barnootaa fi Dhaabbilee Fayyaa keessatti Piroojektoonni 81 tajaajila eegaluu himaniiru.
Waggoota shanan itti aanaan keessa naannawaa hanqinni Roobaa jirutti dhaabbilee kuma 4 keessatti Piroojektiin kun kan ijaaramu ta’uu eeraniiru.
Piroojektoonni kunneen waayita xumuraman lammiilee miiliyoona 4.8 fayyadamoo kan taasiisan ta’uu Dooktar Mikaa’eel dubbataniiru.
Piroojektoota kanneen raawwachiisuuf mootummaan baajata Birrii biiliyoona 5.9 ramaduu himaniiru.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.