Fana: At a Speed of Life!

Preezdaant Saahilawarq ambaasaaddaroota haaraaf qajeelfama hojii laatan

Finfinnee, Gurraandhala 18, 2013 (FBC) – Preezdaantiin FDRI Saahilawarq Zawdeen ambaasaaddaroota haaraa Ityoophiyaa bakka bu’uun biyyoota garaagaraatti ramadamaniif qajeelfama hojii laataniiru.
Ambaasaaddaroota haaraa biyyoota garaagaraatti ramadamaniif har’a gaggeessaan taasiifameera.
Sirna gaggeessaa kanarratti itti aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera dhimma alaa obbo Dammaqaa Makonniin argamaniiru.
Obbo Dammaqaan ambaasaaddaroonni kunneen hariiroo Ityoophiyaa fi biyyoota itti muudaman giddu jiru caalmaatti cimsuuf akka hojjetan yaadachiisaniiru.
Preezdaantiin Mana Murtii waliigalaa aadde Ma’aazaa Ashannaafiin Ambaasaaddaroota kanneen waadaa galchaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.