Fana: At a Speed of Life!

Preezdaanti Saahilawarq guyyaa Dubartoota (‘March 8’) ilaalchisuun erga baga geessanii dabarsan

Finfinnee, Gurraandhala 29, 2012 (FBC) – Preezdaanti Saahilawarq guyyaa Dubartoota (‘March 8’) ilaalchisuun erga baga geessanii dabarsaniiru.

Biyya keenyaatti guddinni dhimma dubartootarratti mul’atu tilmaama olaanaa kan kennamufidha.

Anis bakka kanatti argamuun bu’aa kanaati. Wanti Afrikaatti mul’ata jiru waan abdii namatti horudha jedhan.

Haata’uti dubartoota ga’oomsuu fi walqixxumaa mirkaneessuf hojiiwwaan hojjetana xumuaramaniiru jennee hin amanuu. Hojichi reefu eegalame.

Miidhaa koorniyaa ittisuu dhabuun, walqixxummaan koorniyaa dhabamuun, baayinaan filannoo keessatti hirmaachu dhiisuu walumaagalatti dhimmi dubartoota xiyyeeffannoo cimaa hin arganne.

Biyyi keenyi milkii hedduu galmeesifteetti. Dubartootni gara hooggansatti dhufaniiru.

Dubartootaaf balballi gaariin yoo banamu akkasumaas dubartoonni biroon akka hin dabarreef miidhaan irra ga’a.

Furtuun bilisummaa dubartii barnoota. Kanaaf shamarraan barnoota isaani cimuu qabu erga jedhu dabarsaniiru.

Dubartii barsiisuu yoo hin dandeenye oomisha fayya qabeessa taasisu yoo dadhabne waa’ee walqixummaa haasa’un hiika hin qabu.

Bara kana dubartoonni hedduun Yuunvarsiiti galanillee bu’aa cinwaggatti mul’ate waan nama yaaddessudha.

Kanaaf Yuunvarsiitiwwan ja’atti dubartoota bu’aa gadi aanaa galmeessaniif saganta barnoota dabalaataa akka laatamuuf ta’eera. kanaafis galateeffataniiru.

Qaamni hundu tumsa barbaachisu gochuun dubartoonni akka cimaan taasisu qabu jedhaniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.