Fana: At a Speed of Life!

Preezdaantiin Saahilawarq hordoftoota amantaa Islaamaa galiin isaanii gadi aanaa ta’e waliin turtii taasisaan

Finfinnee, Caamsaa 9, 2012 (FBC) – Preezdaantiin FDRI Saahilawarq Zawdee hordoftoota amantaa Islaamaa galiin isaanii gadi aanaa ta’e naannoo Massaalamiiyaa maqaa addaan (Ihil Barandaa) jedhamee waamamu jiraatan waliin turtii taasisan.

Preezdaant Saahilawarq kanneen keessaa maatiwwaan itti gaafatamuummaa hedduun irra jiruu fi haadhoolii rakkoo hedduu keessa jiraatan waliin mari’ataniiru.

Baga soomaa ramadaanaan isiin ga’ees jedhaniiru.

Aadaan yeroo rakkoo wal gargaaruu keenyaa ni cimsina jechuun akka keennattiis hoolaa, Ruuzii, daakuu, zaayita nyaataa fi teemirii kennaniiruf.

Weerara COVID- 19 ittisuuf qajeelfama mootummaan baasu kabajuu fi gorsa ogessoota fayyaa hojirra olchuun barbaachisa ta’u dubbataniiru.

Jiraattoota kutaa magaalaa Finfinnee kessaa namoonni kamni 95 ta’an namoota rakkoo hamaa keessa jiraatanii fi deeggarsi kan isaan barbaachisuu ragaan waajjira preezantirraa arganne ni muul’dhisa.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.