Fana: At a Speed of Life!

Proojektiin “Daagguu” damee fayyaa irra oolaa ture bu’aa agarisiisuu ibsame

Finfinnee, Onkololeessa 9, 2014 (FBC) – Ityoophioyaatti sirna tajaajila fayyaa fooyyessuuf waggoottan 5n darbanitti Proojektiin “Daagguu” damee fayyaa irra oolaa ture bu’aa agarsiisuu Inistiitiyuutiin Fayyaa Hawaasaa Ityoophiyaa beeksise.

Proojekticha Ministeera Fayyaa, Inistiitiyuutii Fayyaa Hawwasa Ityoophiyaa, Landan Iskuul Of Haayijiin fi dhaabbanni Troopikaal Meediisin jedhamu waliin hojiirra oolchaa turuu ibsameera.

Proojektichaan Yuunvarsiitiiwwan Jimmaa, Goondar, Hawaasaa fi Maqalee hojii qorannootiin irratti hirmaachuu ibsameera.

Hojii ijaarsa dandeettii hojjetameen barattoonni 10 proojektichaan barnoota digirii 3ffaa kan baratan ta’uu ibsameera.

Proojektiin Daagguu bu’aa argamsiisuu Itti aanaan Daayreektaraa Inistiitiyuutii Fayyaa Hawaasa Ityoophiyaa Dooktar Geetaachoo Toleeraa ibsaniiru.

Proojektichaan hanga ammaatti hojiileen qorannoo fi qo’annoo 20 hojjetamuun fuula miidiyaa idil addunyaa damee fayyaa irratti fe’amuu ibsaniiru.

Bu’aawwan qoranno kanaan argamanis hojiilee eksteenshinii fayyaatiif galtee gochuun hojiirra oolaa jira jedhaniiru.

Proojektichi sirna fayyaa biyyattii kan xiinxalee fi ragaa qabatamaan kan irraa argame ta’uu Dooktar Geetaachoon ibsaniiru.

Proojektii kanaaf Faawundeeshiniin  Biil End Miiliindaa Geets deeggarsa Doolaara miiliyoona 1 taasisuu ibsameera.

Maddi:- TOI

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.