Fana: At a Speed of Life!

Qaamolee nageenyaa cimsuu fi dandeettii isaanii guddisuun nageenya biyyaaf murteessaa ta’uu ibsame

Finfinnee, Onkololeessa 9, 2014 (FBC) – Qaamolee nageenyaa cimsuu fi dandeettii isaanii guddisuun nageenya biyyaaf murteessaa ta’uu Af Yaa’iin Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa obbo Taaggasaa Caafoo  ibsan.

Obbo Taaggasaan  waajjira olaanaa Poolisii Federaalaatti argamuun  hojiilee riifoormii waajjirichaan hojjetaman daawwataniiru.

Poolisiin Federaalaa fi naannolee gurmaa’insaan, hidhannoo fi qajeelfamaan tajaajila sadarkaa isaa eeggate kennuu akka danda’anitti manni mare bakka bu’oota uummataa deeggarsa barbaachisu kan taasisu ta’uu ibsaniiru.

Jijjiirama biyyaa itti fufsiisuuf akkasumas bakka hojii hawwataa fi mijataa  taasisuuf  hojii hojjetameef dinqisiifachuun maqaa isaanii fi maqaa mana marichaan galateeffataniiru.

Waggoottan sadii as dhaabbileerratti  jijjiirama hedduu fiduuf hoggansi tattaaffii cimaa taasisaa turuu fi damee bulchiinsaa fi tasgabbiittis jijjiirama qabatamaa fiduuf tattaaffiin taasiifamu ibsaniiru.

Hojiileen riifoormii dhaabbilee nageenyaarratti hojjetaman nageenya, birmadummaa fi badhaadhina biyyaaf murteessaa ta’uu eeraniiru.

Poolisiin federaalaa filannoon biyyaalessaa marsaa 6ffaan nagaan akka xumuramuuf, ijaarsi hidha haaromsaa nagaan akka gaggeeffamu  fi ajandaalee biyyaa gurguddoon milkiin akka xumuramuuf qooda olaanaa taphachuu ibsaniiru.

Poolisiin naamusaan ga’aa akka ta’uu fi tajaajila isaa teeknooloojiin akka deeggaramaniif dhaabbatichi hojiilee eegale akka itti fufu dhaamuu isaanii ragaan Komishinii Poolisii Federaalaarraa argame ni muul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.