Fana: At a Speed of Life!

Qaamolee rakkoo siistamaa mudate fayyadamuun maallaqa fudhatan hindeebifnerratti tarkaanfiin seeraa ni fudhatama-BDI

Finfinnee, Bitootessa 9, 2016 (FBC)- Qaamolee rakkoo siistamaa mudate fayyadamuun maallaqa fudhatan hindeebifnerratti tarkaanfiin seeraa kan fudhatamu ta’uu Baankiin Daldalaa Itiyoophiyaa beeksise.

Pireezidaantiin Baankii Daldalaa Itiyoophiyaa Obbo Abbee Saanoon addaan cituu tajaajila baankii dijitaalaa tibbana mudate ilaalchisee ibsa kennaniin rakkoo sirna baankii dijitaalaa mudateen tajaajilli idilee kennaa ture sa’atii murtaa’eef addaan citu yaadachiisaniiru.

Burjaajiin karaa miidiyaalee hawaasaatiin tajaajilamtoota irratti uumamee turees sirrii akka hintaane eeraniiru.

Baankichatti rakkoo mudatee ture battalumatti furuun danda’amuu himaniiru.

Rakkoo mudate akka carratti fayyadamuun gochi maallaqa hinmalle baasii taasisuu fi daddabarsuu yuunivarsitiiwwan keessatti bal’inaan mul’achuu ibsaniiru.

Kanaan walqabatees qaamoleen maallaqa hinmalle baasanii fi daddabarsan hindeebifne irratti tarkaanfiin seeraa kan fudhatamu ta’uu hubachiisaniiru.

Yeroo rakkoon mudateetti mallaqni daddabarfame hundi dhorkamuu kaasaniiru.

Adeemsi bittaa fi gurgurtaa seeraan alaa kumni 490 ol yeroositti raawwatamuu dubbatanii, adeemsicharrattis qorannoon gaggeeffamaa akka jiru ibsaniiru.

Qaamni nageenya Saayibarii baankichaa cabsee seenuu danda’e akka hinjirre eeranii, yaaliin haleellaa saayibarii hedduun taasifamus, hanga ammaatti nageenya saayibarii baankichaarraa midhaan ga’e akka hinjirre kaasaniiru.

Hojiilee qindoominaan hojjetameen miidhaa ga’uuf ture hir’isuun akka danda’ames dubbataniiru.

Dassaalanyi Abarraatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.