Fana: At a Speed of Life!

Qaamoleen dhuunfaa gareen Warshaa tokko keessaa qabeenya Birrii miiliyoona 2.7 saaman to’ataman

Finfinnee, Onkololeessa 10, 2014 (FBC) – Magaalaa Buraayyuutti qaamoleen dhuunfaa gareen Warshaa tokko keessaa qabeenya Birrii miiliyoona 2.7 tilmaamamu saamaan to’atamaniiru.

Qaamoleen kunneen magaalaa Buraayyuu ganda Gafarsaa Naannoo iddoo addaa Taaxaq jedhamutti halkan keessaa naannoo sa’aatii 3:00 saamicha raawwachuu Qajeelchi Poolisii magaalaa Buraayyuu beeksise.

Kaameeraa CCTV 92, Teeleeveezhiinii fi sanadoonni garaagaraa saamamuu ibsameera.

Hordoffii poolisiin taasiiseen qabeenyi kun magaalaa Finfinnee kutaa magaalaa Kolfee Qaraaniyoo aanaa 11 naannoo Kaa’oo Jejee jedhamutti harkaaf harkatti to’atamuu himameera.

Yakkicha waliin walqabatee shakkamtoonni 11 to’atamuun qorannoon gaggeeffamaa jiraachuu ibsameera.

Haabtaamuu Taklesilaaseetu gabaase.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.