Fana: At a Speed of Life!

Qorattoonni Chaayinaa meeshaa vaayrasii koroonaa daqiiqaa 15 keessatti adda baasuu danda’u ifoomsan

Finfinnee, Bitootessa 3, 2012 (FBC) – Qorattoonni Chaayinaa meeshaa vaayrasii koroonaa daqiiqaa 15 keessatti adda baasuu danda’u ifoomsan.

Meeshichaaf qaama hargansuurratti yaaliin taasifameefira.

Vaayrasicha adda baasurra darbee, haala waldhaanamtoota vaayrasichaa sadarka garagaraarra jiran adda baasuuf kan gargaarudha.

Qorattoonni samuudaa namoota vaayrasichaan qabaman 397 fayyadamuun yaalii taasisaniiru.

Yaalii taasisan kanaanis, meeshaa haaraan kun dandeettiin vaayrasicha mirkaneessuusaa %88.66 ta’eera.

Dandeettiin vaayrasicha adda baasuu meeshichaa ammoo %90.63 ta’eera jedhan qorattoonni.

Meeshichi weerara vaayrasii koroonaa ariitiin adda baasuuf carraaqqii taasifamu ni gargaara jedhameera.

Maddi:- CGTN

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.