Fana: At a Speed of Life!

Qormaata rakkisaa waliin ta’uun irra aanuun nageenyaa fi misooma waaraa mirkaneessuuf tattaaffiin taasifnu itti fufa – Obbo Mallas Alemuu

Finfinnee, Waxabajjii 28, 2014 (FBC) – Qormaata rakkisaa waliin ta’uun irra aanuun nageenyaa fi misooma waaraa mirkaneessuuf tattaaffiin taasifnu itti fufa jedhan Itti Gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa magaalaa Finfinnee Obbo Mallas Alamuun.
Kutaa magaalaa Nifaas Silk Laaftootti sagantaan Ashaaraa magariisaa marsaa 4ffaan daandii Haacaaluu Hundeessarratti eegaleera.
Nageenyaa fi misoomaa waaraa mirkaneessuuf dagannaa tokko malee ummata waliin hojjechuun murteessaa ta’uu Obbo Mallas Alamuun eeraniiru.
Ummata waliin qormaata hunda ce’uun biyya badhaatee fi magariisa taate dhalootaaf ni dhaalchifna jechuun ibsaniiru.
Waqtiin kun waqtii irree gamtoomeen biqiltuu dhaabaa, nageenyaa mirkaneessuun misooma itti ariifachiifnu jedhan Hojii Raawwachiiftuu Olaantuun Kutaa magaalichaa Aadde Natsaannat Dhaabaan.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.