Fana: At a Speed of Life!

Raashiyaan dhiyeessii Boba’aa ishee % 60 Gamtaa Awurooppaarraa gara Eeshiyaatti jijiiiruuf jedhame

Finfinnee, Eebla 24, 2015 (FBC) – Raashiyaan bara kana dhiyeessii Boba’aa ishee % 60 Gamtaa Awurooppaarraa gara Eeshiyaatti jijiiiruuf ta’uu Itti Aanaan Muummee Ministiraa biyyattii Aleeksaandar Noovaak ibsan.

Raashiyaan qoqqoobbii biyyoonni Lixaa irra deddeebiin irra kaa’aa jiran hordofee murtoo kanarra ga’uu RTgabaaseera.

Biyyoonni Miseensa Gamtaa Awuroopppaa dhiyeessii Boba’aa Raashiyaa fudhachuu har’isaniiru jedhame.

Bara Faranjootaa 2022 Baatii Muddee eegaleen Gamtaan Awurooppaa, Biyyoonni miseensa garee 7fi deeggartoonni isaanii Boba’aa Raashiyaarra qoqqoobbii kaa’u fi Boba’aan Barmeelli tokko hanga Doolaara 60 qof akka ta’u murteessuun isaanii kan yaadatamuudha.

Raashiyaan Boba’aa hin calalamnee fi calalamaa Toonii miiliyoona 220 biyyoota miseensa Gamtaa Awurooppaaf dhiyeessaa ture keessaa Toonii miiliyoona 140 gara Eeshiyaatti jijjiiruuf murteessuu ibsaniiru.

Biyyoota Lixaaf Tooniin miiliyoonni 80 – 90 gahaa ta’uu Aleeksaandar Noovaak ibsaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.