Fana: At a Speed of Life!

Raashiyaan oomishalee nyaataa fi nyaatan walqabatanii maallaqa isheen gabaa alaaf dhiyeessuu eegaluufi

Finfinnee, Waxabajjii 25, 2014 (FBC) – Raashiyaan oomisha boba’aatti dabalataan, oomishaalee nyaataa fi nyaataan walqabatanii maallaqa bittaa fi gurgurtaa ishee Ruubiliin gabaa biyya alaaf dhiyeessuuf ta’uu eerame.

Mootummaan Raashiyaa midhaanota calla, suufii, zayiita fi nyaataa qindaa’aa biyyoota bituu barbaadaniif maallaqaa bittaa fi gurgurtaa Raashiyaan Ruubiliin kaffaluu akka qaban beeksifteetti.

Raawwii murtoo kanaa kan tumsu seera biyyattiin fudhatamaa argatee hojiiraa olmaa isaaf qophirraa jiraachuun ibsameera.

Ministirri Qonnaa Raashiyaa Dimitirii Paatiruusheev, baatii kana biyyi isaanii oomisha qonnaa biyyoota michuu qofaaf akka ergitu dubbataniiru.

Oomishi midhaanii Raashiyaa baranaa toonii miiliyoona 130’tti akka tilamaamu kan dubbataan ministirichi, fedhii biyya keessaa guutuuf oomisha qonnaa biyya alaatti ergitu akka dhaabdu ibsuu isaanii RT’n gabaaseera.

Raashiyaan addunyaarraa dhiyeessituu oomisha qamadii fi suufii olaanaa ta’uun beekamti.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.