Fana: At a Speed of Life!

Raayyaa Ittisa Biyyaatti Koolleejjiin Waraanaa miseensota raawwii hojii bu’aa qabeessa galmeessaniif sadarkaa guddina laate

Finfinnee, Fulbaana 11, 2014 ( FBC)- Raayyaa Ittisa Biyyaatti Koolleejjiin Waraanaa, miseensota raawwii hojii bu’aa qabeessa galmeessanii fi yeroo turtii isaanii uwwisaniif guddina sadarkaa kennun ibsame.

Ajajaa Olaanaan Koolleejjiicha Mejeer Jeneraal Habtamuu Xilaahun, Ityoophiyaan sadarkaa olaanaarratti wayita barbaadamtutti itti gaafatamummaa fi muudama dabalataaf gahuu keessaniif muudamtonnii fi maatiin muudamtoota baga gammaddan jedhan.

Muudamni guddina sadarkaa kan kennamu itti gaafatamummaa hojii qabaniin ergama mootummaa fi ummataa sadarkaa olaanaan raawwachuun hojii boonsaan hojjetameeras jedhaniru.

Beekamtii kennamee kunis fuula dura caalatti hojjechuun, dandeettii fi gahumsa jabeenya qaamaas caalatti cimsuun, hojii isaanirraa eeggamu bu’aa olaanaan ni raawwatu amantaa jedhun guddina sadarkaa bifa imaanaan kennamudhas jechuu ragan Ministeera Raayyaa Ittisa Biyyaarra argamee ni muul’dhisa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.