Fana: At a Speed of Life!

Rakkoo kaaba biyyattii furuuf Mootummaan federaalaa garee mariisiftuu hundeesse

Finfinnee, Waxabajjii 20, 2014 (FBC) – Rakkoo kaaba biyyattii furuuf Mootummaan federaalaa garee mariisiftuu hundeessuu ibsameera.

Rakkoo nageenyaa kaaba biyyattii furuuf filannoo nageenyaa hordofu haala faayidaa biyyaalessaa kabachiisuu fi haala mijeessummaa Gamtaa Afrikaan akka gaggeeffamuuf murteessuu Paartiin Badhaadhinaa beeksiseera.

Miseensi koree Giddugaleessaa paartichaa ibsa guyyaa har’aa laataniin, akka Badhaadhinaatti rakkicha furuuf filannoowwan nageenyaa hordofu haala heera mootummaa kabajeen, faayidaa biyyaalessaa kabachiiseen haala mijeessummaa Gamtaa Afrikaan akka gaggeeffamuuf Koreewwan Hojii Raawwachiistuu fi Giddugaleessaa paartichaa kallattii kaa’uu kaasaniiru.

Haaluma kanaan Mootummaan Federaalaa garee mariisiftuu hundeessuu DhPI madden isaa wabeeffachuun gabaaseera.

Bu’uuruma kanaan:-

1.Obbo Dammaqaa Makonnin- Walitti qabaa
2.Dooktar Geediyoon Xiimootiwoos-Miseensa
3.Obbo Tamasgan Xurunaahi-Miseensa
4.Ambaasaaddar Hasan Abdulqaadir- Miseensa
5.Ambaasaaddar Reedwaan Huseen- Miseensa
6.Leetenaal Jeneraal Birhaanuu Baqqalaa- Miseensa ta’uu eerameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.