Fana: At a Speed of Life!

Roobni arfaasaa iddo tokko tokkotti lolaa umuu waan danda’uuf ofeeggannoo barbaada jedhame

 
 
Finfinnee, Eebila 29, 2013 (FBC)- Roobni arfaasaa iddo tokko tokkotti lolaa umuu waan danda’uuf ofeeggannoo akka barbaachisu Koomishiniin hoggansa sodaa balaa hubachiise.
 
Ejansiin meetiyorooloojii biyyaalessaa raaga ji’a Eebilaatiin,Naannoolee Oromiyaa, Gaambeellaa, Beenishaangul Gumuz fi Amaaraa akkasumas giddugaleessaaf Lixa Tigraay fi Kibbatti rooba idilee ol argatu.
 
Naannoo Oromiyaa,Somaalee, Sidaamaa fi Kibbaa iddo tokko tokkotti rooba idilee oliin loolaan uumamu danada’a.
 
Iddoowwan balaa loolaaf saaxilamaa taa’an Koomishinii hoggansa sodaa balaan adda bahaniiru.
 
Naannoo Oromiyaatti Harargee Bahaa,Baalee,Arsii,Boorana,Gujii, fi Gujii Lixaa sodaan loolaa akka jiraatu raagameera.
 
Hawaasa balaa loolaaf saaxilamuuf, odeeffannoo waqtaawaa fi ergaawwan ofeeggannoo dhaqabsiisu akka barbaachisu hubachiiseera.
 
Maddi:- TOI
 
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.