Fana: At a Speed of Life!

Roobootiin ho’a qaamaa adda baasu hojjatame

Finfinnee, Gurraandhala 11, 2012 (FBC)- Qorattoota Chaayinaatin roobootiin ho’ina qaamaa adda baasu hojjetameera.
 
Roobootii haaraan kun bakka namoonni hedduminaan jiranii fi ho’inni qaamaa olaanaa namarratti mul’atuu fi maalummaas ni dubbisa jedhameera.
 
Roobootichi yeroo takkatti ho’ina qaama nama tokkoo olii addaa baasuu fi safaruu ni danda’a jedhameera.
 
Vaayrasii koroonaa ittisuuf tattaaffi taasifaamuufis ni gargaara jedhameera.
 
Roobootichi iddoo buufata xiyyaaraa, hospitalotaa fi bakka namoonni baayyinaan itti argamanitti tajaajila ni laata jedhameera.
 
Dabalataan ammoo roobootiin gargaarsa namaa malee wantoota dhukkuboota daddarboo sababa ta’an carallaan qulqulleessuu danda’u kana dura hojjetameet ture.
 
Roobootonni lameen magaalaa Wuhaan keessatti tamsa’ina kooronaa vaayraasii ittisuu fi hir’isuuf kan gargaaran ta’uun himameera
 
Maddi:- Zhiinwaa
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.