Fana: At a Speed of Life!

Sadarkaan ijaarsa Pirojektii Riizoortii Shabalee daawwatame

Finfinnee, Bitootessa 19, 2016 (FBC)- Ministirri Ministeera Raayyaa Ittisa Biyyaa Dooktar Abraham Balaay Sadarkaa Ijaarsa Pirojektii Riizoortii Shabalee daawwataniiru.

Kontiraaktaroonni ijaarsa Pirojektii Riizoortii Shabalee gaggeessan yeroo qabame keessatti xumuruun tajaajilaaf qaqqabsiisuuf itti gaafatama isaanii akka bahatan akeekaniiru.

Daawwannicharratti Pireezidaantii Ittaanaa Naannoo Somaalee Obbo Ibirahiim Usmaan dabalatee qondaaltonni olaanoo naannichaa biroon hirmaataniiru.

Rizoortiin Shabalee Naannoo Somaalee Godina Fufaan Aanaa Shabaleetti kan ijaaramu yoo ta’u, giddigaloota tuuriizimii boqonnaa 2ffaan Waajjirri Ministira Muummee sadarkaa biyyaalessaatti ijaarsisu keessa tokko ta’uun ibsamuu miidiyaan naannichaa gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.