Fana: At a Speed of Life!

Sagantaan daa’imman kuma dhibba 7 fi kuma 46 gara manneen barnootaatti deebisu ifoome

Finfinnee, Gurraandhala 6, 2012 (FBC) – Sagantaan daa’immaan kuma dhibba 7 fi kuma 46 sababoota garaagaraan manneen barnootaa ala ta’an gara barnoota isaaniitti deebisu danda’u ifoomeera.

Sagantichi dhaabbata ‘Barnoonni Adiimit’ jedhuun kan ifoome yoo ta’u, daa’imman kuma dhibba 7 fi kuma 28 sababa jeequmsa manneen barnootaa fi balaa uummamaan barnootaa ala ta’an kan deebisu jedhameera.

Sagantaan Ministeera Barnootaan durfamu kun aanaalee naannoo Oromiyaa,Amaaraa fi Soomaalee 44 irratti hojiirra oola jedhameera.

Sagantaa kanaaf Doolaara Ameerikaa miiliyoona dhibba 1 fi miiliyoona 65 ramadame keessaa, miiliyoonni 27 yeroo ammaa eeyyamameera jedhame.

Miiliyoonni dhibbi 1 fi miiliyoonni 38 ammoo waggoota sadi keessatti kan eeyyamamu ta’uu ibsameera.

Daa’immaan sagantaa kanaan fayyadamoo ta’an keessaa kumni dhibbi 3 fi kumni 65 dubartoota ta’uu ifoomeera.

Ityoophiyaatti daa’immaan sababa garaagaraan miidhaman mootummaan biyyattii deeggarsa taasisaa turuu Ministir deettaan Ministeera Barnootaa FDRI Tsiyoon Takluu himaniiru.

Daayreektarri dhaabbata ‘Barnoonni Adiimit’ Yaasimiin Shariif gama isaaniin, sagantichi daa’immaan sababa gogiinsaa, buqqaatii, reebichaa fi jeequmsaan miidhaman fayyadamoo kan taasisuudha jedhan.

Maddi:-TOI

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.