Fana: At a Speed of Life!

Sagantaan Seeftineetii marsaa 5ffaa godinaalee Oromiyaa 11 fayyadamoo taasisuu ifoome

Finfinnee, Caamsaa 2, 2013 (FBC)- Sagantaan Seeftineetii marsaa 5ffaa godinaalee Oromiyaa 11 fayyadamoo taasisuu ifoomeera.

Sagantaan seeftineetii kunis Baankii Misooma Addunyaan deeggarama jedhameera.

Mootummaan Federaalaa fi Baankiin Misooma Addunyaa sagantaa kana galmaan gahuuf walii mallatteessaniin guyyaa har’a kanas sagantaa kana Naannoo Oromiyaatti haala barbaadamuun galmaan gahuuf waliigalteen Biiroo Qonnaa fi Qabeenya Uumamaa Oromiyaa, Godinaalee Oromiyaa fayyadamaa seeftineetii ta’an 11fi Biiroo Mallaqaa fi walta’insa Diinagdee Oromiyaa gidduutti ni mallatteeffama jedhameera.

Saganticharratti Hoogganaan Ittaanaa Biiroo Qonnaa fi Qabeenya Uumamaa Oromiyaa Obbo Geetuu Gammachuu, sagantaan saftineetii erga biyya kanatti jalqabee kaasee jiruu fi jireenyi hawaasa keenyaa jijjiirameera jedhan.

Biiroon Qonnaa fi Qabeenya Uumamaa Oromiyaa ummanni keenya wabii nyaataan akka of danda’uuf qorannoo gurguddaa gaggeessuun gara hojiitti seenee hojiilee hawaasa fayyadamoo taasisan hojjechaa tureeras jedhan.

Keessattu hawaasni keenya wabii midhaan nyaatan akka of danda’uuf hojiileen waggoottan lamaan darban hojjetame laayyoo mitis jedhaniiru.

Sagantaa saafteeneetii marsaa 5ffaa kanaan Godinaalee Oromiyaa 11 keessaa Aanalee 90tu fayyadamaa ta’as jedhaniiru.

Sagantaa kana keessatti akkaa naannoo Oromiyaatti hawaasa miiliyoona 1.7 hammatamas jedhaniiru.

Akka gabaasa OBNttii Sagantaan kun rakkoo bishaan dhugaatiifi bu’uraalee Hawaasummaa furuu keessatti shoora guddaa qabas jedhaniiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.