Fana: At a Speed of Life!

Shaashamanneetti meeshaaleen seeraan alaa Birrii miiliyoona 2.3 ol ta’an to’ataman

Finfinnee, Adoolessa 21, 2014 (FBC) – Magaalaa Shaashamanneetti meeshaaleen seeraan alaa Birrii miiliyoona 2.3 ol ta’an to’atamuu Itti Aanaan Daarektoreetii Waajjira Poolisii Aanaa Lammaffaa Inispeektar Taammiraat Abbabaa himaniiru

Meeshaalee to’ataman doqdoqqeewwan eeyyama hinqabne 300, baajajiiwwan 126, baala sammuu namaa hadoochu, meeshaalee waraanaa fa’aa ta’uu ibsaniiru.

Magaalichatti oppireeshinii gaggeffamaa tureen shakkamtoonni yakkaa hannaa fi saamicharratti bobba’anis to’atamuu eeraniiru.

Shakkamtoonni meeshaa waraanaatiin deeggaramuun yakkaa samichaa fi qaama namaa hir’isan mana murtiitti dhiyaachuun adabbii hidhaa cimaa waggoota 20’n adabamaniiru jedhan.

Gochaalee yakkaa kun to’atamuu kan danda’an eeruu ummataa fi qindoomina qaamolee nageenyaatiin ta’uu himaniiru.

Hawaasni akkuma kanaan duraa seeraa alummaa ittisuu irratti dammaqinaan akka hirmaatuu fi eeruu qaamolee nageenyaatiif akka kennu waamicha dhiyeessaniiru.

Jibiriil Huseentu gabaase

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.